ONM-ABO Muddee 5, 2023
Kaabinootni bilxiginnaa yuunivarsiitiilee impaayerattii adda addaa keessatti leenjii seenessa guddicha jedhuun mata dure addaan leenji’an gara naannoo irraa dhaqaniitti galuun abjuu Abiy Ahimediin uummata dararuu eegalanii jiru.
Guyyaa kaleessaa Muddee 3, 2023 godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat keessatti qondaaltotni waraanaa fi kaabinootni bilxiginnaa uummata waltajjii waamuun doorsisa jajjabaa irraan ga’aa turan.
Namootni kunneen afaan qawween yerootu nu harka jiraaf uummata dirqiin waltajjii ba’een mariin araaraa faashalaa’ee jira, ammaan booda tarkaanfii jara balleessu ni fudhanna, namoota isaan waliin hidhata qaban hin hiinu ni ajjeesnaa fi warreen ijoollee keessaa qabdan dafaa galfadhaa jechuun waltajjiin aduun uummata gubaa turetti dhaadachaa turan.
Kana malees namootni kamuu meeshaale adda addaa fi nyaata feetanii gara baadiyyaatti deemuu hin dandeessan, warra magaalaa Kaataar teessanii WBO gargaaraa jirtanis ni qabannaa fi bilxiginnaa deggertan malee jiraachuu hin dandeessan kan jedhaniin yoo ta’u, uummatni waltajjii irratti argame barcuma keessaniif maree fashaleessitanii fi bilxiginnaan xaa’oo nu dhorkatee namoota keenyas ajjeesaa jiru dirqiin deggeraa nuun hin jedhinaa jechuun mormachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

