• Wed. Nov 25th, 2026

Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti manneen gubuu fi ajjeechaan jabaatee jiraachuun dhaga’aame

Jan 26, 2024

ONM-ABO Amajjii 26, 2024

Gareen sarbaminsa mirga namoomaa raawwachaa jiru maqaa WBO waliin hariiroo qabda,caasaa isaanii babaldhisaa jirta, sochii keenya hordofuun heeruu laattaaf jechuun gochoota hawaasni hin qabneen qabeenyaa hawaasaa balleessuu fi lubbuu namootaa nagaa ajjeesuu irratti argamaa jira.

Bifuma kanaan kan wal qabatu godina Harargee lixaa aanaa Ciroo bakka addaa Kuulchee jedhamutti kaadirootni sirna PP milishoota nageenya hawaasa sarban Amajjii 21, 2024 mana Weellistu Iftuu Mohaammed jedhamutti manaa ari’uun manneen ishee qabeenyaa guutuu waliin gubanii akka barbaddeessaantu himama.

Weellistuun kun yakka dalagde qabaattee osoo hin taane ,sirboota warraaqsaa hojjechuun WBO faarsite jedhanii gochoota badii kanas akka irratti raawwatan dubbatu.

Oduu ajjeechaan wal qabatuun ammoo Amajjii 18, 2024 konkolaachisaa maqaan isaa Firoomsaa Qajeelaa jedhamu jiraataa Hadaree kan ta’e magaalaa Calanqootti yakka tokko malee rasaasaan rukutamee turtii guyyaa 4f yaalarra turuun Amajjii 21, 2024 lubbuun akka ba’ee jiraattotni dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply