SQ-Mudde 08, 2023
Namni suura irratti argamu kun Nigaatuu Isheetuu Lammaa Goobanaa jedhama.
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Aqaaqii Basaqaa ganda Gaallee kootichaati.
Namni kun maatii Qonnaan bulaa harka qalleeyyii irraa dhalate.
Gaafa guyyaa 24/3/2016 mucaan kun ganama keessa sa’aati (3) miidhaan qamaadii osoo sassaabuu /haamuu Humni Faashistii RIB Abbuu seeraa irraa gara Magaalaa Duukam osoo deemu rifeensuma irratti arguun badii tokko malee mucaa kana harkaa isaa dubattii hidhuun “ati shaneedha” jedhanii waajjira poolisii aanaa Aqaaqii godina shawaa bahaatti galchanii, reebicha cimaa irraatti gaggeessani.
Ammaaf Achuma waajjira poolisii aanaa Aqaaqii jira. Namni kun qaro-dhabeessadha. hojii guyyaa maasaa namaa keessa deemee haamaa Namaaf haama.
Magaalaa Galaan miilaan kiloo meetiira (7) deeme simmintoo bukeessee hojii guyyaan of jiraachisa.
Nama homaa hin beeknetti barjaa maxxansitee ittiin taphatti PPn.

