SQ-Muddee 08, 2023
Godina Salaalee, Aanaa Yaayyaa Gullallee, Ganda Daalattii Rimee jedhamtutti Waraanni pp Kibxata Gaafa Mudde 5/2023 Dargaggoo Faxxanaa Kidaanee jedhamu bakka inni hiriyootaafi Maatii isaa waliin “Xaafii_Haamaa” jiruu fuudhanii deemuun bosona keessatti ajjeesanii gatanii jiru.
Reeffi dargaggoo Faxxanaa Kidaanee tumsa hawaasa ganda Daalattii Rimeetiin guyyaa tokko booda mudde 6/2023 kan argame yoo tahu, sirni awwaalcha isaa bakka hawaasni naannoo argamanitti Mudde 7/2023 bakka dhaloota isaatti gaggeeffamee jira.
Dargaggoo Faxxanaan ol adeemaa reefu ganna 15 yoo tahu barataa kutaa 8ffaa baratuudha.
