ONM-ABO Mudde 18, 2023
Waraanni faashistii PP godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa keessatti ilmaan Oromoo dalagaa idilee isaanii irraa qabuun baatiilee hedduuf hidhanii jiran hanga ammaatti gadi osoo hin dhiisin kan jiranii fi gandoota adda addaa keessatti manneen qonnaan bultootaa gubaa jiraachuun ibsame.
Aanicha ganda Coofiraa Shaashee keessaa Oromoonni hidhamanii jiran, Goobazii Ukii, Muhaammad Hajii, Tamaam Haajoo, Boonsaa Abboo, Muhaammad Saaddoo, Fayyoo Saaddoo, Kaliil Haaj Ibroo, Alamuu Ayyaanoo, tonkoluu Sanyii, Geetaachoo Sanyii, Boonaa Baqqalaa, Tasfaayee Didhaa fi Fayisaa Haaji Amboo ti.
Ganda Coofira Hulluuqqoo irraa Hedoo Gariyyoo, Jamaal Leenjisoo, Daawud Jaal’atoo, Ahimed Dafoo fi Abdul Ramahaan Huseen yoo ta’aan, ganda Daalattii irraa Muhaammad Hajii, Muhaammad Abdoo, ganda Eddoo Nagayaa keessaa ammoo Haaji Hayaatoo Daddafoo qabuun hidhaan dararaa jiru.
Namootni hidhaman kunneen erga mana hidhaa bilxiginnaa buufata poolisii aanaa Gadab Asaasaa keessa jirutti darbatamanii baatii tokkoo hanga waggaa guutanii jiraachuun barameera.
Roobii darbe Muddee 13, 2023 ganda Coofira Shaashee zoonii Guchii keessaa manneen uummataa 6 kan gubate yoo ta’u, hanga ammaatti gandicha keessatti manneen 20 gubatee jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.




