ONM-ABO Mudde 18, 2023
Murni mafi’aa PP daandii ittiin maallaqa uummata irraa funaannatan guyya guyyaan baafachuun hawaasa ittiin daraaraa kan oolan yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti gibira hin kaffaltan taanaan waraqaa eenyummaa hin argattan jechuun dhorkatan.
Caasaan murnichaa abbootii qabeenyaa magaalaa Naqamtee keessa jiran, kanneen hojii adda addaa irratti bobbaa’anii jiran sababa gibiraa kanaaf waraqaa eenyummaa dhorkachuun namootni kun daandii deemuu illee danqamanii jiru.
Akka abbootiin qabeenyaa magaalaa Naqamtee jedhanitti gibira waliin kan raayyaa ittisaa, deggersa hojii mootummaa, ispoortii fi milishaa jechuun maallaqa guddaa sababa quubsaa hin qabne nu irraa fuudhu waan ta’eef gibira kaffaluu baqanne, yeroo nuti waraqaa eenyummaaf deemne ammoo qarshii eenyummeessaa 600 fi gibira akka kaffallu nu dirqisiisuun jireenya nutti hadheessaa jiru jechuun komee qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



