ONM-ABO Muddee 19, 2023
Kaabinoonni murna bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran yeroo ammaa tarsiimoo saamichaa baafachuun uummata sobanii maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartu jedhuun yakkanii mana hidhaa galchuun saamicha irratti raawwachaa jiru.
Akkuma kanaanis Wallagga bahaa aanaa Guutoo Giddaa bakka Bishaan Lookoo jedhamutii Muddee 12/2023 namoota 9 waraanni sirna bilxiginnaa tumsuuf bobba’aan yakka tokko malee butuun mooraa isaanitti geessuun qarshii guddaa tokko tokkoo isaanii kuma dhibba tokko (100,000) akka kaffalaniif maatii gaafachuun isaanii beekameera.
Namootni danuun maallaqa gaafataman kaffaluu Kan hin dandeenye yoo ta’aan, isaan Keessaa muraasni maatiin qarshii gaafataman irratti Kan kaffalanii fi garuu hanga ammaatti namootni saglanuu eessa akka geeffaman wallalamuun maatiin yaaddoo ulfaata Keessa akka jiran namootni Keessa beekan yaada isaanii Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.
Dabalataanis bahuma Wallaggaa aanoota akka Sibuu Siree, Haroo Limmuu, Giddaa Ayyaanaa, Saasiggaa, Eebantuu, Diggaa, Waamaa Agaloo, Gudayyaa Biilaa, Waayyuu Tuqaa fi Gobbuu Sayyoo keessatti waraanni gabroomsaan PP baadiyyaa Keessa deemuun namoota hedduu ukkamsuun dhabamsiisaa akka jiran maddeen dabaluun ifoomsaniiru.


