• Fri. Mar 20th, 2026

Miseensoni raayyaa ittisa impaayerattii 2 aanaa Gooroo Doolaa irraa WBOtti makaman

Dec 20, 2023

ONM-ABO Muddee 20, 2023

Kaleessa Muddee 19 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii sirna bilxiginnaa fi Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf Oromiyaa keessatti bobbaafaman lama  sirnichi Oromoo balleessuuf kaayyeffachuu isaa hubachuun gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamanii jiru.

Miseensonni waraana Abiy turan kanneen sabaan Oromoo ta’an kun, godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa mooraa waraanaa PP ganda Adiidii Odaa Cabee  irraa qawwee dachaatuu 2 fi hidhannoo  guutuun WBOtti makamaniiru.

Waraana Bilisummaa Oromoonis simannaan hoo’aan kan taasifameef yoo ta’u, sirnicha gananii WBOtti makamuu isaaniitti gammachuu qabaachuu ONMtti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading