• Thu. Mar 12th, 2026

Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii mooraan diinaa ganuun WBOtti harka kennachuu itti fufan 

Dec 20, 2023

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Loltootni Impaayera itoophiyaa ajjeechaa, reebicha, hidhaa fi saamicha Bilxiginnaan lammiilee nagaa irratti labsee jiru ijaan ilaaluu akkasumas raawwachuu dadhabuun dabaa fi shira sirnicha Keessa jiru hubatan mooraa waraana sirnichaa ganuun meeshaa fi hidhannoo isaanii Waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Haaluma kanaanis Kibba Oromiyaa godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadii Odaan cabe keessaa kaleessa jechuunis Mudde 19, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 mooraa diinaa keessaa qawwee Dachaatuu 2, rasaasa 380 fi gumbii ja’a Waliin miliquun WBO nagaan qaqqabuun beekameera.

Oduuma Kanaan walqabatuun Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii mooraa waraana PP ganda Kelleyii keessaa miseensa waraana PP tokko qawwee turkii 1, rasaasa 90 fi Boombii harkaa lama fudhachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun ifoomeera.

Miseensotni waraana impaayerattii harka kennatan kunneen yaaduma walfakkaatu kan laatan yoo ta’u, raakkoon mooraa Bilxiginnaa Keessa jiru hammaataa akkasumas jibbiinsi sanyummaa jabaan kan gaggeeffamuu fi moorichi olaantummaa Ilmaan habashootaan durfamaa sabootni biroo ammoo hacuucamaa kan jiran ta’uu dubbachuun, qawwee gabroomfataa baannee Saba keenya lafarra duguuguun waan nuuf hin malleef ilmaan Oromoo haala isiniif mijateen miliqaatii WBOtti harka kennadhaa Jechuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading