• Fri. Mar 13th, 2026

Sirni diigamaa jiru PPn Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti namoota nagaa reebicha ulfaataa irratti raawwachuun mana hidhaatti guuraa jiraachuun himame

Dec 22, 2023

ONM-ABO Muddee 22, 2023

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo keessatti caasaan murna bilxiginnaa namoota nagaa 4 balleessaa isaanii malee hidhuun dararaa jiraachuu maddeen magaalichaa himan.

Akka jiraattotni jedhanitti gaafa Muddee 21, 2023 magaalaa Qiciicoo keessatti murni abbaa irree kun guyyaa kamisaa gabaa magaalichaa waan ta’eef namoota bittaa fi gurgurtaaf dhufan reebicha ulfaataa irratti raawwachuun namoota gabaa keessatti argan hunda jumlaan tumaa akka oolan maddeen dabaluun dubbatan.

Namootni haajaa isaaniif gabaa ba’anii qabaman kunneenis muraasni kan maqaan isaanii nu ga’e, Yesuuf Mohammeed, Ahmed Huseen, Ubraahiim Aliyyuu, fi Yaassin Aliyyuu, obbolaa yoo ta’an warroota hidhan kanas harka duubatti hidhuun reebicha daangaa hin qabne irratti raawwachaa akka hidhanis dubbatan.

namootni qabaman kunneen hojii qonnaa hojjechuun ofii fi maatii isaanii jiraachisuu malee siyaasa kam keessaa qooda akka hin qabnee fi isaan malees namootni hidhaman hedduu ta’uus dubbatu.

Dabalataanis magaalichuma keessatti guyyuma kamisaa Muddee 21, 2023  konkolaachiftoota cilee  fe’an dargaggoo badruu jedhamu dabalatee qabuun akka hidhanii  jiranis maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.

Namni adda durummaan magaalicha keessatti ilmaan Oromoo hiisisaa fi maqaa namootni hin qabne itti maxxansuun hawaasa ba’aaf gala dhorkaa jiru bulchaa magaalichaa nama Umar Imaam jedhamu ta’uus dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading