• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu fi Jaarsoo keessatti namoota sadii waraanni maafi’aa PP ajjeesan

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Gareen maafi’aa PP dhiiga ol adeemtotaa Oromiyaa guutuu keessatti dhagalaasaa Kan jiru dheengadda jechuun Muddee 25, 2023 aanaa Jaarsoo ganda Baabboo Garjoo jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Yaadataa Abirahiim Bantii jedhamu maatii isaatiif midhaan daaksisuu gara bakka baabura midhanii deemee osoo galaa jiru karaatti naasuu tokko malee waraanni PP akka ajjeesantu dubbatama.

Lixuma Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Qeelaa Jedhamu keessattis Muddee 25, 2023 dargaggoota lama kan maqaan isaanii Abiraam Tsaggaa fi Isaayaas Asfaaw jedhaman galgala irraa ajjeesuun daandii gurraacha konkolaataa irratti akka gatan jiraattonni ijaan argan ONMtti himaniiru.

Dabalaatinis aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beengu’aa mooraa waraanaa keessatti hidhamee Kan ture dargaggooon tokko guyyaa kaleessaa ganama mooraa keessaa baafamuun ajjeefamuun isaa beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading