• Fri. Mar 13th, 2026

Tarkaanfii gootichi waraana bilisummaa Oromoo baha Shaggar magaalaa Duukam dabalatee magaalaa saddeet keessatti fudhateen magaalaa Finfinnee keessatti bilxiginnaan raafama guddaa keessa seentee jirti 

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Gaafa Muddee 24, 2023 halkan tokkotti WBOn baha Shaggar keessa socho’u magaalaa saddeet keessatti tarkaanfii fudhateen diinaaf lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii rifaasisaa fudhachuun du’aaf madoon adabuun meeeshaalee fi mooraa diinaa hedduu mancaasuun ni beekama.

Kanumaan walqabatee murni bilxiginnaa maqaa WBOn magaalaa Finfinnee seenuuf jedhu irraa ka’uun magaalaa Finfinnee Keessatti raafama guddaa keessa seenuun namoota reebaa fi sakkattaa jabaa geggeessaa jiru jedhu jiraattotni.

Akkasuma namoota ija shakkiin ilaaluun kutaa magaalaa Haqaaqii Qaallittii fi Koyyee Faccee Galaan Kondoominiyeemii keessatti namoota nagaa jumlaan guuranii mana hidhaatti darbaa jirus jedhaniiru.

akkasuma sodaa waraana bilisummaa Oromoo irraan ka’e yeroo ammaa bakkoota hedduu kaabinootni murna bilxiginnaa mata duree Idaa hanga miindaatti jedhuun walgahii taa’a jiraachuun isaanii ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading