• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn aanaa Baatee keessatti diina adabe

Dec 27, 2023

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessa socho’u diina du’aa fi madoon adabee jira.

Haaluma kanaan Kaleessa Muddee 26, 2023 humna weerartuu PP maqaa sakkattaa WBO jechuun bobbaate irratti tarkaanfii bakka Qilxuu jedhamutti fudhateen battalatti 10 yoo irraa ajjeessu 7 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabeera.

Gootichi abdii sabaa tarkaanfii fudhatu ittuma fufuun kaleessa halkan toora sa’a 6:00 tti magaalaa Baatee seenuun humna diinaa 20 irraa yoo ajjeessu 9 madeessuun waraana weerartuu PP kan hafte facaasuun yeroof ergaa magaalicha to’ateen booda gadhiisee ba’eera .

Ttarkaanfii akkaan boonsaa galmeesse kanaan diinaa fi lukkelee diinaa irraa meeshaalee garaagaraa hiikeera.
Gama meeshaan PKM 1, rasaasa PKM 200, AKM 6, rasaasa AKM 6000, irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.

Lolli WBOn bilisummaa sabichaaf taasisu cimee itti fufa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading