• Fri. Mar 13th, 2026

Baha Oromiyaa  godina bahaa Harargee ona Malkaa Bal’oo keessatti dargaggoota ukkaamsuu fi jiraattota wal-ga’ii jechuun dararaa jiraachuun himame

Dec 30, 2023

ONM-ABO Muddee 30, 2023

Bilxiginnaan ajandaa badii qabachuun guyyuu kan as ba’u, hawaasa Oromoo irratti gochoota bara Minilkii fi Hayile Sillaasee Caalaa,dhaalmaa abboota isaatii daran jabeessuuf ilmaan Oromoo cabsee,lafaa fi qabeenyaa sabichi qabu saamuuf jecha, akkaataa fedheen waraana bobbaasee tarsimoo baasuun ilmaan Oromoo hiraarsaa jira.

Haaluma kanaanis baatima kana keessa dargaggoota marsaa 2f leenjii dirree loltummaaf maqaa Impaayera Itoophiyaa barara jechuun dheengadda Muddee 27, 2023 aanaa Malkaa Bal’oo araddoota hundaa irraa walitti qabuun gara aanichaatti galchanii akka jiran jiraattotni dubbatu.

Rakkoon murni bilxiginnaa uumu ilmaan Oromoo irraa kan hin dhaabbanne, jiraattota walitti qabuun wal-gayii guyyoota 5 turu jedhanii mooraa mana barnootaa  magaalaa Haroo jedhamutti namoota umurii fi saalaan osoo hin foo’iin akkaata itti waraana bilisummaa Oromoo balleessan jedhanii mata duree caqasuun, marii dharaan uummata burjaajessaa jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading