• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Makkoo keessatti ajjeechaan jiraattota nagaa irratti raawwachaa jiraachuun dhaga’aame

Dec 30, 2023

ONM-ABO Muddee 30, 2023

Uummatni Oromoo cunqursaa kiyyoo kolonii impaayera Itoophiyaa jalatti erga kufee kaasee hanga guyyaa har’aatti dararaa sirnoota Impaayericha bulchaniin saamicha, hidhaa fi ajjeechaa keessummeessuun, Oromiyaa dirree saamtootaa godhatanii irratti abbaan barbaada’e qabeenyaa kee ala si godhuuf irratti hojjetaniidha.

Akkuma kanaanis godina Bunnoo Beddelee aanaa Makkoo keessatti waraanni faashistii PP namoota nagaa kan baay’inni isaanii 3 ta’e yakka tokko malee ajjeesuun isaanii kan beekamu yoo ta’u, ,namootni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Mitikkuu Taakkalaa ganda Sariitii irraa Muddee 25, 2023 kan ajjeefamee fi namootni lama ammoo kan maqaan isaanii nun geenye ganda Hoomaa Raabaa irraa Muddee 27, 2023 akka ajjeefaman beekameera.

Bilxiginnaan yeroo ammaa namoota nagaa hidhuu,ajjeesee dhoksuu fi rasaasaan madeessee qaama hir’uu taasisaa kan jiru yoo ta’u, namoota qaama kamiyyuu deggeruu irraa bilisa ta’aan,Oromoo ta’aanii dhalachuu qofaaf maqaa isin deggertoota WBOti jedhu of dura qabee duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun isaa kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading