• Sat. Mar 14th, 2026

Veenzuweelaan dooniin waraanaa Biriteen gara Gaayanaatti deemuu isheetiin qarqara galaana ishee irratti shaakala waraanaa akka gaggeessitu ibsite 

Dec 30, 2023

ONM -ABO Muddee 29, 2023

Ollaan Ameerikaa Kibbaa naannoo daangaa guddaa irratti yeroo wal falmaa jiranitti, Yunaayitid Kingidam doonii waraanaa gara bishaan naannoo Gaayanaatti erguu isheetiin, humnoonni waraanaa Veenzuweelaa Baha Kaaribiyaan keessatti shaakala ittisaa akka gaggeessan prezidaant Nicolás Maduro ajajan.

Haasaa Kamisa darbe televijiinii biyyaalessaa irratti taasisaniin, Maduroon akka jedhanitti, loltoonni Veenzuweelaa 6,000 – humnoota qilleensaa fi galaanaa dabalatee — qarqara baha biyyattii naannoo daangaa Gaayanaatti argamutti hojii waloo ni gaggeessu.

Maduroon dooniin Biriteen HMS Trent gara qarqara galaanaa Gaayanaatti dhufuun ishee biyya isaaniif balaa ta’uu ibsaniiru. Dooniin kun bobbaa’uun ishee waliigaltee dhiheenya kana saboota Ameerikaa Kibbaa gidduutti taasifame kan cabsu ta’uu kaasuun falmeera.

“Dippilomaasii, marii fi nagaatti ni amanna, garuu namni Veenzuweelaa doorsisuuf hin eyyamnu,” jechuun Maaduroon kutaa ajajoota waraanaa hedduu waliin yeroo turanitti keessatti dubbataniiru. “Kun biyya laatiin Ameerikaa abbaa biyyummaa qabdu keessatti balaa fudhatama hin qabnedha.”

Veenzuweelaa fi Gaayana yeroo ammaa kana naannoo Essequibo jedhamu kan baay’ina ummata xiqqaa qabu kan hamma Filooriidaa taatee fi qarqara galaanaa ishee irraa boba’aan bal’aan kuufamee jiru irratti waldhabdee daangaa uumamee jiruu dha.

Naannoon kun waggoota kurnanootaaf to’annoo Gaayana jala kan ture yoo ta’u, Muddee keessa garuu Venezu’eelaan himannaa seenaa Essequibo irratti qabdu rifarandamii filattota biyyattii Essequibo gara mootummaa Venezu’eelaatti jijjiiramuu qabaachuu fi dhiisuu ishee gaafateen irra geggeessiteetti.

Waldhabdeen naannicha irratti uumame hammaataa dhufeen hoggantoonni biyyoota lamaanii odola Kaaribiyaan Seent Viinsent jedhamtutti wal arganii, waliigaltee falmii isaanii karaa hokkora hin qabneen akka furan mallatteessuu  Associated Press gabaasee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading