ONM-ABO Amajjii 2, 2024
Murni bilxiginnaa bartee gaarii godhachuun maatii qabsa’ootaa Oromiyaa keessaa yeroo ammaa qe’ee isaanii irratti gubuun, jiruu gadadoo kan jiraachisaa jiru yoo ta’u,maatiin mannii gubachuunii fi qabeenyaan isaanii jalaa saamamee jiru bakkoota adda addaati addaan faca’uun haalli jireenya isaanii rakkoo uumeetu argamaa jira.
Akkuma kanaanis haati ilmaan hortee baroota dheeraaf godina lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Najabaas keessaa jiraachaa turte aaddee Bilisoo Zakkaariyaa jedhamtu sababa ilma keetu miseensa WBOti jedhuun kaadirootni PP fi waraanni sirnichaa yakka badii qe’ee ishee irratti itti murteessuun mana ishee gubuu fi qabeenyaan isheen qabdu baatii shan dura jalaa akka saamameetu dubbatama
Yeroo ammaas haalli miseensotni maatiin isheen jiraachiistuu fi matumti ishee jiruu godaansaaf saaxilamanii bakkee honaa irra jiraachaa akka jiran kan himan jiraattotni, haalli wantoota isaan sooratanii dhibuun daa’imman isheen guddistuu fi haalli fayyummaa ishees itti jabaachuun gargaarsa harka namaa eeggataa akka jirantu himama.

