ONM- ABO Amajjii 2, 2024
Gareen maafi’aa PP dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun, hidhuu fi godaansisuun sodaachisanii of jalatti bulchuuf hojjechaa jiran hojii isaanii jabeessuun Muddee 24, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu keessatti namoota nagaa badii tokko malee qabanii hidhuun hanga ammaa hin gadhiisin jiru.
Ilmaan Oromoo aanaa Haaruu ganda Haalebantaa keessaa qabamanii hidhaman kunis Mitikkuu Mul’ataa, Amsaaluu Fiqaaduu, Mul’ataa Yaayyaa, Siddissee Mul’ataa, Leellisaa Mul’ataa fi nama tokko kan maqaan nu hin ga’in akka ta’e barameera.
Dheengadda Muddee 31, 2023 aanaa Qondaalaa ganda Kolli Carphaatti maanguddoo tokko yemmuu ajjeesan harmootii 2 mana jireenya isaaniitii fuudhanii bakka isaan geessan hin baramin jira.
Godinicha keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed maqaa olaantummaa seeraa fi Waraana Bilisummaa Oromoo balleessinaan bobbaafaman lubbuu fi qabeenya uummata balleessaa jiraachuun ni beekama.

