• Fri. Jan 2nd, 2026

Somaaliyaan waliigaltee Itoophiyaan buufata doonii Somaalilaandii waliin goote irratti Ambaasaaddara ishee waamte

Jan 3, 2024

ONM- ABO Muddee 3, 2024

Soomaaliyaan Kibxata har’a Itoophiyaatti ambaasaaddara ishee waamuun, walii galtee buufata doonii falmisiisaa Finfinneetti Somaaleelaandii addaan baate waliin mallatteessite abbaa biyyummaa ishee kan cabsuu ta’uu ibsiteetti.

Ministirri Muummee Soomaaliyaa Hamzaa Abdii Baarreenis waliigaltee Wiixata kaleessaa Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf taasiste hordofuun, Somaaliyaan naannoo ishee kana ”karaa seeraa hundaan” akka ittistu dhaadataniiru.

Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa dabalatee qaamoleen idil-addunyaa Somaaliyaa waliin akka dhaabbatan waamicha taasisaa akka jiru ibseera.

Kaabineen Somaaliyaa ibsa kenneen, “Somaaliyaandiin heera Somaaliyaa jalatti qaama Somaaliyaa waan taateef Somaaliyaan tarkaanfiin kun abbaa biyyummaa fi tokkummaa ishee irratti sarbama ifaa dha jedheera.

Yaadannoo waliigaltee Wiixata kaleessaa Finfinneetti mallattaa’e ”bu’uura seeraa fi gatii kan hin qabnee fi Somaaliyaanis hin fudhattu” jedheera.

“Kanaaf deebii kennuudhaan mootummaan Somaalee Itoophiyaatti ambaasaaddara isaa mariidhaaf waamuun isaa ni yaadatama.”

Mootummaan isaanii  Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa, Liigiin Arabaa,  garee naannoo Baha Afrikaa IGAD fi kanneen biroof “mirga Somaaliyaan abbaa biyyummaa ishee ittisuuf qabdu waliin akka dhaabbatuu fi Itoophiyaan seera idil-addunyaa akka eegdu dirqisiisu” waamicha dhiyeessaa jira jedheera.

Baarreen haasawa sabaaf taasisaniin ummanni Somaaliyaa akka tasgabbaa’u gaafataniiru.

“Biyya ittisuuf kutannoo akka qabnu, lafti, galaanaa fi samiin inchii tokko akka sarbamu akka hin hayyamne isinii mirkaneessuu barbaada,” jedhan.

“Lafa keenya mala seeraa danda’ame kamiinuu ni ittisna, Lafa keenya, qulqullinaa fi abbaa biyyummaa keenya ittisuuf tokkummaa fi garaagarummaa keenya dagachuu qabna jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading