ONM-ABO Amajjii 6, 2024
Murni bilxiginnaa impaayera jiguuf jirtu kufaatii irraa oolchuuf jecha namoota nagaa sirnaan hojii isaanii irratti bobbaa’anii jiraatan maqaa adda addaa itti moggaasuun mana hidhaatti naqee yeroo isaanii gubuu fi maatii beelaan dararuu irratti fuulleffatanii hojjechaa jiru.
Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Bantii keessatti waraanni fi kaabinoonni bilxiginnaa namoota dirqamaan guyyaa shaniif walgahii baasuun WBOn naannoo kanaa ar’iuu qabdu, akka daandii gurraacha irra hin dhufne jedhanii waraana bilisummaa Oromoo ofii dadhaban uummata fi WBO wal jibbisiisuuf jecha shira isaanii dalagaa akka jiran jiraattotni himan.
Akkasuma aanicha keessatti namoota hedduu Oromummaa isaa qofaaf hidhaanii dararaa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa kan maqaa arganne Hasan Wadaayi, Dhaddachoo Muluu fi Huseen Asaboot kanneen jedhaman balleessaa tokko malee warreen mana hiraarsaa keessatti gidirfamaa jiraniidhas jedhan.



