ONM-ABO Amajjii 6, 2024
Muddama ulfaataa Keessa seenuun murni bilxiginnaa yeroo hammaa akka guutuu Oromiyaatti ajjeechaa jabeessuu irratti kan argamu yoo ta’u, kaadirootni PP warreen garaaf bulan, taayitaan isaanii dhibbantaa namoota nagaa ajjeesanii irratti hundaa’uun kan dabalamuuf akka ta’e hubachuun Oromiyaa guutuu keessatti dhiiga namoota qulqulluu dhangaalasuu jabeessanii jiru.
Akkuma kanaanis Amajjii 2, 2024 lixa Wallaggaa aanaa Begii mana hidhaa irraa waraanni faashistii PP namoota torba baasuun akka ajjeesan dubbatamaa kan jiru yoo ta’u,namootni mana hidhaa kana keessaa baafamuun ajjeefaman kunneen jiraattota gandoota garagaraa ta’uunis beekameera
Kanneen keessaa kan maqaa arganne Mohaammed Alii aanaa Begii ganda Karmaa Foojjee, Iliyaas Abdulqaadir ganda Guunfii, Luba Dirasa’uu Tarrafaa fi Marsii Jibbaa ganda Hofaa Kobbaree akka ta’ee jiraattotni kan himan yoo ta’u, namoota hafan ammoo maqaan isaanii akkuma nu ga’een kan isin beeksisnu ta’a.
Aanicha keessatti ajjeechaan dhoksaan halkan halkan raawwatamu jiraachuu fi namoonni hedduunis erga hidhamanii achi buutee dhabamsiifamuun hanga ammaatti maatiin reeffa illee arganii awwaalachuuf illee dhibee gidiraa hamaa keessatti argamu jiraattotni aanichaa miira aariin ONMtti himaniiru.

