ONM-ABO Amajjii 9, 2024
Gadaan bulchiinsa isaa xumuramaa kan jiru murni bilxiginnaa tooftaa ittiin barcuma siyaasa isaa dheereffatu mijeeffachuuf diraamaa sobaa maqaa abbootii gadaa fi jaarsolii biyyaatiin Waraana Bilisummaa Oromoo galchina jedhanii qophaa’aa jiru.
Bilxiginnaan ilmaan Oromoo afaanfajjeessuu barte, qondaaltotni olaanoon Waraana Bilisummaa Oromoo araaraa hin barbaadanii, miseensonni ammoo loluuf fedhii waan hin qabneef ni galla jechaa jiru. Kanaafuu qaamolee fudhatama qaban hawaasa Oromoo irraa ijaarree itti erginee galchina jechuun karoora isaanii waltajjiilee adda addaa irratti ibsaa jiru.
Waltajjii torban darbe magaalaa Shaggar kutaa Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu fi magaalota adda addaa keessatti ilmaan Oromoo dirqiin waltajjii teessisaa turan irratti ajandaa kana qabaachuu fi abbootii gadaa fi jaarsolii dhimma kana hojjetan qopheeffatanii akka jiran ibsaniiru.
Haa ta’u malee gaaffilee hirmaattota irraa qondaaltonni WBO gaaffiin isaan gaafatan deebinaaniif didanii fi WBOn sadarkaa hanga kanatti isin raase, tokko tokkoon galaa, kun ofumaa dhama’uu dha waan ta’eef furmaatni barcuma siyaasaa ta’uu qaba jedhanis ifannaa fi ilaalcha WBO akkasumas erga diinaa jechuun deebisaa turan.
Burjaajii bilxiginnaan qondaaltota WBO fi miseensota adda qooduuf hojjetu kan bubbule ta’us, dookumentarii OBN hojjete irratti maallaqa hoggansatu fudhataa fi wal isin nyaachisa jedhe jechuun jalqabanii turan.
Haa ta’u malee dookumentarii sobaa faayidaa siyaasa bilxiginnaaf hojjetamee kanaa asitti WBO zooniilee waraanaa cufa keessatti haleellaa laalessaa fudhachuun naasuu cimaa keessa waan seensisee maqaa jaarsummaa fi koomishinii maree biyyaalessaa walitti hidhuun hojii goyomsaa akkasumas daguu hojjechuuf qophii irra jiraachuu namootni waltajjii bilxiginnaa magaalaa Shaggar bulchiinsa magaaloota adda addaa keessatti hirmaatan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


