ONM-ABO Amajjii 10, 2024
Murnootni aangoo of harkaa qaban bilxiginnaan, namoota nagaa maqaa, ilaalcha siyaasaa fi deeggartoota waraana bilisummaa Oromooti jechuun, qonnaan bulaa, barataa, barsiisaa, fi maangoddootni,otoo hin hafne mana hidhaatti guuraa kan turee fi har’as kan itti jiru yoo ta’u, gochaa badii isaa, itti fuufun namoota mana hidhaa baasuun dhabamsiisaa jiraachuu maddeen magaalichaa ONMtti himan.
Haaluma kanaan dheengadda jechuunis Amajjii 8,2024 hidhamtoota mana hidhaa Kamisee keessaa namoota, 3 nama Wabii, jedhamu dabaltee dargaggoota, lama kan maqaan ammaaf nun dhaqqabnnee waliin halkan toora sa,aa 10tti mana hidhichaa baasuun bakki isaan geessan hin baramin jiraachuu maddeen dabaluun dubbatu.
Akka jiraattotani magaalaa Kamisee jedhanitti dhabamsiifamuun hidhamtoota kanaa,hidhamtoota isaan hafan yaaddoo fi rifaatuu guddaa itti uumee jiraachuu fi nutis carraan keenya kanuma laata jedhanii miira aarii fi gaddaan guutameen dubbaachaa, turuu isaaniis dabaluun addeessaniiru.
Gochaa murni gabroomsaan pp kun, ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru kanatti kan gaddan hawaasni oromoo gariin jiraa dhabamsiisaa kaan ammoo qaama hir’uu taasisaa kan hidhes mana murtiitti dhiheessuu dhabuun isaa, egereen uummatichaa kan duraa caalaa yaaddessaa ta’uu jiraattotni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko himan.

