ONM-ABO Amajjii 15, 2024
Pirezidaantiin Hage Geingob Jarmaniin hirmaannaa ishee irra deebitee akka ilaaltu, haala seenaa Jarmaniin Naamibiyaa keessatti duguuggaa sanyii raawwattee turte ilaalchisuun bara 2021tti beekamtii kennuu ishee kaasuun gaafataniiru. Bara 1904 hanga 1908tti koloneeffattoonni Jarmanii waan qorattoonni seenaa jaarraa 20ffaa keessatti duguuggaa sanyii jalqabaa jedhanii fudhatan raawwataniiru, kunis ajjeechaa uummata Hereeroo fi Naamaa 70,000 ol ta’e raawwatanii turan.
Pirezidaantiin Geingob, Jarmaniin duguuggaa sanyii Naamibiyaa dabalatee, waliigaltee duguuggaa sanyii mormu Mootummoota Gamtoomaniif kutannoo naamusaa qabdu, deeggarsa Israa’eliif kennite waliin wal faallessa jechuun falman. Mootummaan Jarmanii dogoggora seenaa Naamibiyaa keessatti raawwate guutummaatti akka hin furre ibseera.
Jarmaniin garuu himannaa duguuggaa sanyii Israa’el irratti baname kuffiftee, waliigalteen duguuggaa sanyii UN meeshaa siyaasaa gochuun itti fayyadaman jechuun ibsiteetti. Mootummaan Jarmanii itti gaafatamummaa seenaa Holokoost irraa madde ilaalcha keessa galchuun walgahii kanaaf kutannoo akka qabu cimsee ibseera.
Himata kanaaf deebii kennuudhaan Jarmaniin waldhabdee dhiheenya kana haleellaa Hamaas Onkoloolessa keessa Israa’el irratti raawwateen ka’e jechuun ibsite. Mootummaan Israa’el ofirraa ittisuuf socho’aa jira, dhaabbata biyyattii balleessuuf kaayyeffate Hamaas irraa balaa isaan mudatu dura dhaabbachuuf lola geggeessaa jiru jechuun falmiti.
Waldhabdeen amma deemaa jiru kun gama lachuutiin lubbuu namoota hedduu galaafateera. Akka ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu jedhutti, haleellaa haaloo ba’uu Israa’el Onkoloolessa irraa eegalee Gaazaa irratti raawwateen namoonni gara 24,000 ta’an, adda durummaan daa’immanii fi dubartootni lubbuu isaanii dhabaniiru.
Yaaddoon beela mudachuu fi buqqaatota Gaazaa keessatti dhukkubni babal’achuu akka danda’u UN fi dhaabbilee gargaarsa namoomaatiin ibsamuun, gargaarsi dabalataa gara naannoo sanaatti akka hayyamamu gaafateera.
Afrikaan Kibbaa dhimmicha mana murtii haqaa addunyaa ICJ tti kan jalqabde yoo ta’u, ajjeechaa loogii malee namoota nagaa Falasxiin irratti raawwatamuu fi bu’uuraalee misoomaa Gaazaa bal’inaan barbadeessuu dabalatee yakkoota Israa’el jedhaman bal’inaan dhiheessiteetti. Israa’el himannaa kana cimsitee haaluun, “bu’uura kan hin qabne” jettee waamtetti. Namni duguuggaa sanyiitiin yakkamu yoo jiraate Hamaas ta’uu isaa ibsiteetti.
ICJ amma seera qabeessummaa himannaa Afrikaa Kibbaa murteessuu fi walxaxiinsa waldhabdee Israa’el fi Gaazaa marsee jiru ifa baasuu keessatti gahee murteessaa ni taphata jechuun Africa News har’a gabaaseera.

