• Thu. Mar 19th, 2026

Volkaanoon Aayislaanditti dhohee laavaa gara magaalaa biyyattii qurxummii qabduutti erge

Jan 15, 2024

ONM-ABO Amajjii 15, 2024

Volkaanoon Aayislaanditti dhohee, dhangala’aa laavaa baqfame gara qarqara magaalaa xiqqoo qurxummii qabdu tokkootti erguun manneen jireenyaa liqimse.

Dilbata kaleessaa dhagaan volkaanoo bifa baqeen ba’u laavaan qarqara buufata doonii Girindavik ga’uu isaatiin yoo xiqqaate manneen sadii ibiddaan gubachuu isaanii suuraan kallattiin televijiinii uummataa irratti tamsa’e ni mul’isa.

Gabaasni du’aa fi miidhaan ga’e kan hin jirre yoo ta’u, balaliin daandiiwwan qilleensaa irratti miidhaa hin geessisne.

Pirezidaantiin Aayislaandi Gudni Johansan balaa kana ilaalchisuun biyya isaaniif “guyyaa gurraacha” jechuun ibsaniiru.

“Bu’uuraaleen misoomaa balaadhaaf saaxilamuu danda’anis lubbuun namootaa irra balaan ga’e hin jiru,” jechuun Joohaansan marsariitii miidiyaa hawaasaa X irratti dubbataniiru.

Dhohinsi kun kan uumame sa’a biyyattiitti ganama sa’a (8:00 GMT) dura erga aanga’oonni naannoo kirkira lafaa xixiqqoo walitti aansuun mudateen ummata magaalattii 4,000 ta’an erga baasaniin booda ta’uu Waajjirri Meetirooloojii Aayislaandi ibseera.

Caccabni lammaffaan gara walakkeessa guyyaa qarqara magaalattiitti kan mudate yoo ta’u, galgala gara meetira 100 (yaardi 109) uuwwisuu waajjirri kun ibseera.

Volkaanoon magaalaa guddoo Reyijaavik irraa gara kibba dhihaatti argamu kun ji’a tokko hin guunne keessatti yeroo lammataaf kan dho’e yoo ta’u, waggaa sadii hin guunne keessatti ammoo dho’iinsa volkaanoo biyya Kaaba Atlaantiik kana keessatti yeroo shanaffaadha.

Dhohinsa Sanbata kaleessaa dura hojjettoonni balaa tasaa naannoo magaalattiitti dallaa ittisaa ijaaraa kan turan yoo ta’u, jiraattonni Muddee 22 gara magaalattiitti deebi’aniiru. Hojjettoonni kunis hojii danqaawwan kanaa hin xumurre.

Aayislaandiin gara namoota 370,000 kan qabduu fi kaaba dhiha Yunaayitid Kingidam irraa gara kiiloo meetira 1,300 (maayilii 807) fagaattee kan argamtu yoo ta’u, volkaanoowwan socho’an 30 ol kan qabdu yoo ta’u, odola kaaba Awurooppaa kun bakka turizimii volkaanoof iddoo guddaa ishee taasiseera jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading