• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa fi Surroo Barguddaa keessatti waraanni Shiftaan Abiy Ahimed namoota afur qe’ee isaanii keessatti rasaasaan tumee ajjeese

Jan 20, 2024

ONM-ABO Amajjii 20, 2024

Lubbuun namaa hidhattoota garee maafi’aa PP biratti waggoota jahan darbanii kaasee Oromiyaa keessatti kabaja dhabuun dhiigni namoota nagaa qe’ee fi ooyiruu isaa irratti mirgi lubbuun jiraachuu isaa sarbamuun gochoonni dhala nama irratti hin raawwatamne raawwatamaa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Amajjii 18, 2024 Gujii lixaa aanaa Galaanaa fi Surroo Barguddaa ganda Carii Baddeessaa fi Ejersa Muraatti namoota nagaan ooyiruu isaanii irra dalagachaa jiran hidhattootni kunneen lafa dalagaa isaaniitti itti dhaquun gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni ONMtti himan.

Namoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii Diimoole Boruu Ji’oo, Biilaa Mixoo Dharroo, Bariisoo Mijuu-abbaa maatii 17 fi Gumii Uraagoo, abbaa maati 10 ta’uu jiraattotni ollaa dabaluun ibsan.

Akka jiraattotni gandoota kanneenii jedhanitti ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatame kun gocha seeraan alaatii jechuun, hawaasa nagaa hojii isaa dalagatee maatii isaa jiraachisu maatii irraa ajjeesanii maatii rakkisuun kun gocha suukanneessaa dhala namaa irratti hin raawwatamneedha jechuun miira aariin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading