ONM-ABO Amajjii 24, 2024
Dhaabbanni waraana faashistii sirna Abiy Ahimed ijaaruu barbaadu tiksuuf ijaarame dargaggoota impaayerattii humnaan qabee leenjii kenneefii bobbaasus, sirnichi farra dhala namaa ta’uu hubachuun keessaa ganuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Roophii Magaadaa keessaa Dilbata darbe Amajjii 21, 2024 miseeensi Farra Riphee Lolaa bilxiginnaa qawwee fi hidhannoo guutuu waliin sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jiru.
Miseeensi Farra Riphee Lolaa kun akka jedhetti waraanni sirnicha Oromoo ta’uu keenya qofaaf farreen Itoophiyummaa leellisanii fi finxaaleyyoota Amaaraan mirgi keenya cabuu irra darbee ajjeefamaa jirra jedhe.
Ganda Roophii Magaadaa kana keessatti torbee darbe keessa milishoota lama irratti loltoonni Abiy Ahimed dhukaasuun nama Jeerraa Magaadaa Haroo jedhamu kan ajjeesan yoo ta’u, Tukkee Kallachoo ammoo madoo ulfaataa gochuun hospitaala Hawaasaatti yaalamaa jira.
Sababa kanaanis milishootni gaaffii gaafachuu fi hojii dhiisanii baduu waan eegalaniif guyyaa dheengaddaa Amajjii 22 milishoota cufa irraa hiikanii mooraa waraana bilxiginnaa Rophii Magaadaa keessatti argamutti hidhanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.



