• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii keessatti dargaggootni 3 waraana maafi’aa PPn ajjeefamuun dhaga’aame

Jan 24, 2024

ONM-ABO Amajjii 24, 2024

Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti ta’aa jiru yeroo ammaa kana qe’ee maatii hedduutti rakkinaa fi gadadoo uumuun haadhi ilmaan ishee manaa ba’aan nagaan naaf deebi’uu jettee osoo eegduu, reeffi ilmaan ishee bineensotaa fi allaattiileen nyaatamuu irratti argamu.

Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Diiniwwaa jedhamu keessatti Amajjii 21, 2024 waraanni maafi’aa PP dargaggoota sadii Kan maqaan isaanii Lataa Baacaa, Alamuu Fiqaaduu fi Isaayaas Fiqaaduu jedhaman badii tokko malee maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun qabanii guyyoota lamaaf dararaa irratti raawwachaa erga turaniin boodas guyyaa kaleessaa akka ajjeesantu himama.

Dargaggootni ajjeefaman siyaasa kam keessaa kan hin qabnee fi Alamuu fi Isaayaas obboloota maatii tokko akka ta’aan jiraattotni kan dubbatan, yeroo tokkotti maatiin ilmaan isaanii 2 dhabuun yeroo ammaa kanatti gadda ulfaataa keessa jiru jechuun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading