ONM-ABO Amajjii 27, 2024
Hammeenya, jibbaa fi dhiittaa waraanni murna Bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu, keessa jiraatanii ija isaaniin arguun kan balaaleffatan miseensonni ilmaan Oromoo ta’aan, sirnicha yeroo dhumaatiif gananii dugda itti gatuun meeshaalee waraanaa garaa garaa waliin gooticha WBO’tti harka kennachaa jiru.
Haluma kanaanis Muddee 29, 2023 irraa eegaluun haga Amajjii 1, 2024’tti loltootni PP Godina Matakkal aanaa Dibaax mooraa waraanaa magaalaa Gaalessaa keessaa miseensotni 4 fi magaalaa Qorqaa jedhamtuu ammoo 9 walumaa galatti namni 13 gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka laattachuun beekame.
Miseensotni waraana bilxiginnaa harka laadhatan kunneen gama meeshaatiin kilaashii Turkii 5, dachaatuu 2, kilaashii Koriyaa 5, isinaayipherii 1 hidhannoo mudhii 7, boombii harkaa 9 fi rasaasa 1600 mooraa diinaa keessaa fuudhanii ba’uun qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin itichaniiru.
Dhumarrattis rakkoo, dararaa fi hiraarfama mooraa sirnichaa keessatti ilmaan Oromoo irra ga’uu dubbachuun akkasumas miidhaa loltootni sirnichaa bakka socho’an cufatti ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiran balaaleffatanii miliquu kan beeksisan yoo ta’u, ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii sirnicha tiksuuf qofa lubbuu uummata isaanii balleessaa, qe’eef qabeenya Saba isaanii mancaasaa jiraniif gara Waraana bilisummaa Oromootti akka makamaniif waamicha taasisaniiru.







