• Thu. Mar 12th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti namni nagaan tokko murna maafi’aa PPn yoo ajjeefamu, aanaa Jimmaa Horrootti hidhaan jabaate

Jan 27, 2024

ONM-ABO Amajjii 27, 2024

Aanota Qellem Wallaggaa keessatti yakkoonni waraanaa seerota Idil Addunyaa cabsanii fi sarbiinsi mirga namoomaa raawwatamaa jiru jabaatee itti fufuun ilmaan Oromoo sababa tokko malee hidhattoota sirnichaan ajjeechaan daangaa hin qabne irratti raawwatamaa jira.

Murni teessuma aangoo isaaf jedhee uummata nagaa ajjeechaa irratti raawwachaa jiru kun aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulamaa iddoo addaa Dabaqqaa jedhamutti gaafa Amajjii 24, 2024 hidhattoota baay’inaan hawaasatti bobbaasuun nama nagaa maqaan isaa Hambisaa Tasfaayee jedhamu sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni himan.

Dargaggoon kun nama mana Shaayee dalagachuun jiraatu yoo ta’u, nama siyaasa waliin wal hidhata hin qabne ta’uus dabaluun dubbatu.

Akkasuma nama maqaan isaa Jaabir Abdooyyee jedhamu qabuun hanga ammaatti eessa akka isaan buusan hin beekamin jiraachuus jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Godinichuma aanaa Jimmaa Horroo ganda Gomboo bakka addaa Daalatti jedhamu keessatti Amajjii 24, 2024 nama maqaan isaa Saamman She- Amad Alakuu jedhamu waraanni gabroomsaa PP yakka tokko malee qabuun gara ganda warra Baabboo jedhamutti geessanii hidhanii dararaa akka jirantu himama.

Akka guutuu aanaa Jimmaa Horrootti maqaa WBO waliin hariiroo uumtee hojjetta jedhuun jiraattotni gandoota baadiyyaa fi magaalaa aanichaa keessa jiraatan manneen hidhaa garaagaraa keessatti miidhaaleen jajjaboon karaa waraana faashistii PP irratti taasifamaa jiru haalaan jabaatee namootni danuun manneen hidhaa keessatti dhukkubsatanii yaala malee hiraarfamaa jiraachuus dabaluun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading