ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa magalaa Guddattuu Arjootti kantiibaan magaalichaa, obbo Alamayoo Iddosaa fi milishoonni murna maafiyaa PP hojjetota mana baankii fi abbootii qabeenyaa laganaa gabaa geggeessan irratti guyyaa reebicha raawwachuun mana hidhaatti guuraa turaniiru.
Namoota hidhaman keessatti manajerootni baankii kan keessatti argamanii dha. Maqaan isaaniis obbo Faqqadee baankii Awwaash irraa, obbo Namoomsaa baankii daldalaa, obbo Araarsoo baankii Daashan, obbo Zakaariyaas baankii Abisiiniyaa, obbo Abbabee Tamasgeen baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, obbo Gammachu Ifaa baankii Sinqee irraati.
Hidhaa kanaan manajeroora baankii fi abbootii qabeenyaa daldalatee walumaagalatti namootni 50 ol kan hidhaman yoo ta’u, konkolaataa fi bajaajii irraa lakkoofsa gabatee fudhanii jiru.
Guyyaa har’aa manni daldalaa cufaa, dukkanni cufaa fi sochiin konkolaataa ka hin turre yoo ta’u, caasaan bilxiginnaa manneen daldalaa samsamaa turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
