ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Lola Impaayerattii keessatti adeemaa jiruun walqabatee dingagdeen biyyatti lamsha’uun akkasuma waraana humnaa olii leenjisuu irraan kan ka’e wanti kaffalamuuf wayita dhabamutti murni bilxiginnaa ammoo karaa dabballoota isaanii uummata irratti saamicha daangaa hin qabne raawwachaa jiru.
Gochoonni jibbisiisoon irra deddeebiin keessatti kan mul’atu Harargee lixaa aanaa Ciroo araddaa Sheek Adam keessatti uummanni rakkoo guddoo keessa jiraachuu dubbatu.
Rubee Muktaar kan jedhamu kaabinoonni fi milishoonni sirnichaa maqaa isin warra Waraana Bilisummaa Oromoo deggaruudha jedhuun reebicha ulfaataa bakka Olqabaa jedhamutti irratti raawwataniin booda yeroo ammaa du’aaf jireenya gidduutti akka argamu jiraattotni bakkichaa himan.
Akkasuma dargaggoota gochaa isaanii malee gandoota irra deemuun walitti qabanii erga hidhaniin booda tokkoo tokkoo isaaniin maallaqa 1000 akka kaffalanii ba’aan gochuus dubbatu.
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of dura qabuun murni maafi’aa PP maallaqa namoota irraa saamuun tooftaa isaa isa hangafaa godhachuun hawaasa ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa mataa irra ba’ee jiru gidirsaa jiraachuus dabaluun ifoomsaniiru.

