• Tue. Jan 13th, 2026

Loltoonni Israa’el yeroo dhiyootti daangaa Libaanos irratti ‘tarkaanfiitti akka seenan’: ministeerri Israa’el tokko dubbatan

Jan 30, 2024

ONM-ABO Amajjii 30, 2024

Yeroo waraanni Gaazaa keessatti Israa’el fi Hamas gidduutti geggeeffamu itti fufee jirutti, loltoonni Israa’el naannoo daangaa kaaba biyyattiin Libaanos waliin qabdutti “yeroo dhiyootti tarkaanfiitti ni seenu” jedhan Ministirri Ittisaa Yoav Gallant Wiixata kaleessaa,.

Gallant loltoota naannoo daangaa Gaazaa marfamte jiranitti kan himan yoo ta’u, yeroo ergaa kana dabarsan sana warri kaan gara kaaba Israa’el bobbaafamaa jiru.

“Yeroo dhiyootti hojiitti ni seenu kanaaf humnoonni kaabaa jiran jajjabeefamaniiru,” jedhan Gallant.
Itti dabaluudhaanis, humni eeggataa suuta suutaan “qophaa’anii akka dhufaniif” hojii gara fuula duraatiif akka gadhiifaman dubbataniiru.

Erga Onkoloolessa 7 waraanni Hamaas fi Israa’el gidduutti ka’ee as daangaa Libaanos fi Israa’el guyyaa guyyaan jechuun ni danda’ama waraana Israa’elii fi sochii Hizbullaah kan Libaanos Iraaniin deggaramuu fi michuu Hamas gidduutti dhukaasa wal jijjiiruun ni mul’ata.

Hizbullaah Wiixata kaleessaa yoo xiqqaate haleellaa 12 bakkeewwan waraana Israa’el naannoo daangaatti argaman irratti raawwatameef itti gaafatamummaa kan fudhate yoo ta’u, haleellaa kanas meeshaa Iraaniin hojjetame Falaaq-1 fi Burkaan fayyadamuuni.

Guyyuma kaleessa gara galgalaa waraanni Israa’el haleellaa qilleensaa bakka Hizbullaah’n Libaanos keessatti qubatee jiru irratti raawwachuu isaa ibseera.

“Xiyyeeffannoowwan kun bu’uuraalee misoomaa Hizbullaah fi buufata ilaalchaa naannoo kibba Libaanos Markaba, Taybeh, fi Maroun Al-Ras keessatti argamu kan hammatedha,” jechuun ibsi waraanni biyyattii baaseen beeksiseera.

Hogganaan waraana Israa’el Herzi Halevi jalqaba baatii kanaa akka jedhanitti carraan waraana daangaa kaabaa irratti “baay’ee ol’aanaa ta’eera.”

“Waraanni kaabaa yoom akka ta’e hin beeku, carraan ji’oota dhufan keessatti ta’uu isaa kan yeroo darbee caalaa baay’ee akka ta’e isinitti himuu nan danda’a,” jedhan Halevi.

Onkoloolessa 7 irraa eegalee kibba Libaanos keessatti dhukaasa Israa’eliin lubbuun namoota 200 ol ta’an kanneen irra caalaan isaanii miseensota Hizbullah ta’an ajjeefamuu lakkoofsi Ajaansi Firaansi Pirees ni mul’isa.

Gama daangaa Israa’eliin loltoonni sagal fi namoonni nagaa 6 ajjeefamaniiru jedhu qondaaltonni Israa’el.

Gallant Wiixata kaleessaa akka jedhetti hidhattoonni Gaazaa dhiyeessii fi rasaasni isaanii dhumaa jira, garuu waraanni Hamaas irratti gaggeeffamu “ji’oota fudhata” jechuun dubbachuu isaanii Arab News gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading