• Wed. Jan 14th, 2026

Magaalaa Naqamtee keessatti daldaltootaan maaliif mana bantanii fi konkolaataa deemsistan jechuun hidhuun eegalee

Feb 3, 2024

ONM-ABO Guraandhala 3, 2024

Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa guyyaa kaleessaa xumuramuun har’a namootni akka hojiitti deebi’an ibsame sababeeffachuun uummatni magaalaa Naqamtee hojii daldalaa isaaniitti kan deebi’anii fi konkolaattotni magaalaa keessa sochii yeroo eegalanitti waraanni fi caasaan bilxiginnaa maaliif bantuu fi konkolaataa ooftuun qabee hidhuu eegale.

Ganama kana magaalattii keessatti hawaasa hojiitti deebi’e kanaan eenyuun dhageessanii hojii dhaabdanii, nuti biyya bulchaa fi nuti osoo jirruu qaama biraa dhaggeeffachuun keessan tiffin keenya jechuun uummata nagaa qaama siyaasaan yakkuun doorsisa cimaa irraan ga’uun to’achaa jiru.

Kana malees ganama konkolaachistoota baajaajii fi konkolaataa waltajjii waamanii jiru.

Waltajjii kanaanis konkolaachistoota baajaajiin isintu boombii darbata, gargaaree darbachiisaa fi eeruu nuuf laachuu diddaan akkasumas qaama biraa dhageessanii hojii dhaabuun bilxiginnaa irraatti okkora uumtan jechuun yakkanii keessaa hidhuu fi adabuuf akka ta’e odeessi nu qaqqabe ni addeessa.

Kaleessa itti gaafatamaan waajjira koomikeeshinii bilxiginnaa Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa waamicha Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kun hirmaannaan uummataan fashalaa’e jedhanii BBC afaan Oromoo irratti kijibanii turan.

Osoo dhuguma fashalaa’ee yookiin miidhaan akkasumas waanti sirnicha hundeen raasu hin mudanne ta’ee hawaasni waan mirga isaa fayyadameef qabeenya isaa irratti maaliif qabamee hidhama yookiin adabama kan jedhuuf deebiin hin jiru.

Kunis murni bilxiginnaa holola sobaa facaasuun laafina isaa jabina fakkeessee mul’isuuf tattaaffiin inni godhu baratamaa ta’uu, dubbii Haayiluu Addunyaa WBOn badeera, biyyaa ba’eeraa fi humna nu yaaddessaa miti jechuun dubbachaa turanii fi ga’umsa WBOn har’a qabu waliin ilaalamuun, dubbii kufaa dubbachuun aadaa isaa fi namoota bilxiginnaa ta’uu hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading