• Sun. Mar 15th, 2026

Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti murni bilxiginnaa abbaaf ilma qabuun hidhanii dararaa jiraachuun beekame

Feb 5, 2024

ONM-ABO Guraandhala 5, 2024

Cunqursaan murna bilxiginnaan uummata nagaa irratti adeemaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemun uummanni nagaan akkaataa ittiin jiru isaa geggeeffatu dhabuun rakkoo hamtuu keessatti kufanii jiraachuun ni beekama.

Ilaacha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, akkasuma ilmaan keessantu WBO keessa jira kanaaf galchuu qabdu fi heeruu laattuuf maqaa jedhuun hidhattootni sirnichi hawaasa nagaatti bobbaaseen namoota nagaa gidirsuu irratti bobba’anii Oromiyaa bakkeewwan hedduutti jireenya hawaasaa goolaa oolu.

Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Jaawwii Guddicha keessatti gaafa Guraandhala 2, 2024 abbaaf ilma ilmaan keessantu miseensa WBOti jechuun qabanii namoota maqaan isaanii Jamaal Gammadaa fi ilma isaa Abduroo Jamaal kanneen jedhaman hidhuun dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiru.

Aanicha keessatti ajjeechaa jumlaa dabalatee manneen hawaasaa gubuu fi hidhaan daangaa hin qabne akkasuma uummata qe’ee irraa buqqisuun tibba kana jabaatee jiraachuu gabaasa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading