• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Wallagga bahaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti kaadirootni PP abboota qabeenyaa maallaqa guddaa gaafachaa jiraachuun dhaga’aame

Feb 6, 2024

ONM-ABO Guraandhala 6, 2024

Impaayera kufe deebisanii ijaaruuf abjuu guddaa kan qaban qondaaltotni sirna bilxiginnaa Labsii Uggura Geejjibaa fi Lagannaa Gabaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo labse maaliif kabajjan jechuun abboota qabeenyaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee Keessa jiraatan saamaa jiraachuun beekame.

Akka jiraattotni jedhanitti kaadirootaa fi waraanni waliin ta’uun namootni labsii kabajaa turtan hanga Oromiyaa irraa nuuf bilbilamee hojitti seenaa jedhanitti hojii kamuu hojjechuu hin dandeessan, dabalataanis maallaqa guddaa qarshii 50,000 adabamtu jechuun abbootii qabeenyaa irraa maallaqa fuudha jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Kaayyoon murna bilxiginnaa dinagdee impaayera Itoophiyaa keessatti isaan mudatee jiru ittiin bayyaannachuuf jecha saamicha hojii isaanii idilee godhachuun namoota hiraarsuu irratti akka argaman jiraataan magaalaa Naqamtee irraa ONM dubbise yaada nuuf qoodeen ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading