ONM-ABO Guraandhala 7, 2024
Daangaa Oromiyaa keessa seenuun humnootni waraana PP fi hidhattotni naannoolee adda addaa miidhaa qaqqabsiisaa kan jiran yeroo ammaa maqaa hojii waloo naannoolee jedhuun uummata Oromoo hiraarsaa jiraachuun himame.
Kibxata kaleessaa Guraandhala 6, 2024 humni addaa naannoo Beenishaangul Gumuz irraa daangaa Oromiyaa seenaan humnoota waraana impaayera Itoophiyaa raayyaa ittisaa jedhaman waliin sochii ganamarraa sa’a 12:00n taasisaniin baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Baloo 2ffaa jedhamutti bobba’uun namoota maqaan isaanii Ahimed Adam fi Mohaammed Ahimed jedhaman reebicha irratti taasisuun saanjaan waraananii haalli fayyummaa isaanii yaadessaa ta’uunis beekame
Dabalataanis jiraattotni gandoota adda addaa lubbuu isaanii oolfachuuf jecha bosonatti dheessuun hanga gabaasni Kun qindaayetti rakkoo ulfaataa argaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.


