ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Wiixata dhufu Mootii Joordaan Abdullaah 2ffaa Waashingitanitti keessummeessuun waldhabdee Israa’el fi Hamas furuu irratti mari’achuuf akka jiran Waayit Haawus beeksise.
Walgahiin kun kan gaggeeffamu yeroo Ameerikaa fi humnoonni naannichaa namoota booji’aman Gaazaa irraa akka gadhiifamaniif dhukaasni akka dhaabbatuuf waliigaltee irra ga’uuf yaalaa jiranitti.
Hoggantoonni lamaan “haala Gaazaa keessatti deemaa jiruu fi tattaaffii rakkoo kanaaf xumura waaraa fiduuf taasifamu irratti ni mari’atu,” jechuun barreessaan pireesii Waayit Haawus Kaariin Jiin Piyeer Kamisa ibsa kennaniin dubbataniiru.
Gargaarsa namoomaa cimee gara Gaazaatti godhamuu fi mul’ata nagaa waaraa furmaata biyyoota lamaa kan nageenyi Israa’el mirkanaa’e hammachuu dabalatee US uummata Falasxiinii deggartu irratti ni mari’atu.
Mootiin Joordaan kun daawwannaa Waayit Haawusitti godhamuuf mootittii Raaniyaa waliin kan deemu yoo ta’u, kunis yeroo Ameerikaa fi Joordaan hariiroo dippilomaasii waggaa 75 guutaniitti ta’uu Jiin Piyeer ibsan.
Haleellaan Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwateen waldhabdee Gaazaa kaase booda Baayiden fi Abdullaah yeroo jalqabaaf wal argan.
Baayiden haleellaan kun erga raawwatame torban lama osoo hin guunne Israa’eliin yeroobdaawwatanitti Joordaan waliin mari’achuuf kan yaadame yoo ta’u, hospitaala Gaazaa keessatti dhohinsi uumame guutuu addunyaa Arabaa irratti aarii erga uumeen booda walgahiin kun haqame.
Boodarra Baayiden haleellaan kun rookkeettii Falasxiin hojiirra hin oolle irraa kan ka’e ta’uu ibsa Israa’el kennite deggaran.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antony Blinken baatii Amajjii keessa Abdullaah waliin magaalaa Ammaanitti wal arganii turan. Mootiin Joordaan dippilomaatii olaanaan kun Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu akka dhiibuu fi rakkoon namoomaa achii akka xumuramu dhaamaniii turuu Arab News gabaaseera.











