ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Siyaasa harkatti kufe kaafachuuf bilxiginnaa Oromiyaa keessatti qondaaltota isaa guyyaa har’aa kaasee Oromiyaa bakkoota 20tti kan bobbaase yoo ta’u, kunis bilxiginnaa uummataan jibbame, uummata waliin araarsuuf fuula adda addaa itti bobbaasuuf akka ta’e barameera.
Wiirtuu bilxiginnaan siyaasa isaa keessatti bayyannachiisuu fedhu keessaa tokko Oromiyaa ta’us, uummanni Oromoo qabsoo hidhannoo WBO geggeessaa jiruu fi Diddaa Uummataatti hirmaachuun kaardii diimaa sirna maafi’aa PPtti erga argisiisee bubbuleera.
Haa ta’u malee murni abdii hin kutanne nagaa, guddinaa fi tasgabbii Oromiyaa keessaa dhabameef sababa bulchiinsa isaa taasisuun qaama furmaataa ta’uu irraa, Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin yakkee of mi’eessuuf akka bobba’aan illee barameera.
Araara geggeeffamaa ture, Waraana Bilisummaa Oromootu fashaleesse, waan hin malle gaafatanii, har’as maree fi araaraaf balballi keenya banaadha jechuun uummatni abdii sobaa akka qabatu gochuu irratti hojjetu.
Uummatni Oromoo saboota impaayerattii keessa jiran waliin nagaan yoo jiraate malee qofaa jiraachuu hin danda’u, faayidaa fi gaaffii Oromoo guutameefii jiru irratti oomishtummaa isaa daballee guddina fidnaaf jechuun uummatatti ololuuf magaalota 20tti kan bobbaafaman yoo ta’u, bobbaan isaanii uummata goyyomsuu fi durgoo nyaachuu akkasumas nyaachisuu malee hawaasa bal’aaf maree bu’aa qabu akka hin taane keessa beektotni ni dubbatu.
Caasaan murna bilxiginnaa kun torbee darbes naannoo Amaaraatti qondaaltota isaa bobbaasuun dubbii uummatni naannichaa irraa hin fudhanne dhiyeessaa ture.
Impaayera Itoophiyaa keessatti gaaffii uummataa kallattii sirriin deebisuu irra maree fi leenjiin waltajjii irraa ooluun kan baratame ta’us haala Oromiyaa keessaa jijjiiruu akka hin dandeenye ni beekama.











