ONM-ABO Guraandhala 13, 2024
Gidiraa murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti taasisaa jiru kan bara sirna mootolii darbanii ol ta’ee mul’achaa kan jiru uummatni nagaan qabeenyaa isaa irratti jiraachuu dadhabuun Saamichi lafaa fi maallaqaa maaf nurratti taasifama jedhee sababa gaaffii gaafate qofaaf kan hidhamaa jirus danuu akka ta’e jiraattotni himu.
Bifuma kanaanis godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti maqaa albuuda lafa Keessaa baasuu jedhuun saamichi taasifamaa akka jiru gabaasaa Kan turre yoo ta’u, namoota gochaa murna bilxiginnaa mormaa jiranis hidhaan hiraarsaa akka jiran dabaluun dubbatu.
Jiraattotni ganda Beenaa gocha PP mormanii hidhaman kunneenis maqaan isaanii Usmaan Huseen, Abbaa Jiyaaad fi Saadiqoo kan jedhaman Guraandhala 11, 2024 maatii isaanii irraa akka butamanis itti dabaluun ibsaniiru.


