• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Walisoo keessatti waraanni bilisummaa Oromoo shiftoota mootummaan WBO fakkeessuun bobbaasee ittiin uummata saamsisaa ture irratti tarkaanfii fudhachuun beekame

Feb 14, 2024

ONM-ABO Guraandhala 14, 2024

Bilxiginnaan Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti uummata jaalala WBO qabu ittiin burjaajessee waraanicha hadheessuuf jecha namoota isaaf amanamoo ta’aan leenjisee rifeensa namtolchee itti hojjechiisuun WBO fakkeessee uummata saamuuf yaalaa turus qaamoleen kunneen bakkoota hedduutti saaxilamaa turuun ni beekama.

Bifuma walfakkaatuunis Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Walisoo naannoo Maaruu iddoo addaa Andoodeep Waraabuu jedhamtutti shiftoota PP’n WBO fakkeessuun meeshaa itti hidhee bobbaasuun uummata irraa qarshii fi horii saamsisaa akkasumas dararaa hedduu ittiin raawwataa ture irratti gootichi waraana bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhateen hattoota kanarraa dhiira 4 fi dhalaa 1 walumaa galatti namoota Shan lubbuu isaaniin gatii kaffalchiisuun himame.

Murni PP tooftaan isaanii saaxilamuun uummata duratti salphatan qaanii isaanii kana dhokfachuuf jecha shanee ajjeesne jechuun olola hafarsuutiif veediyoof kaameraa fudhatanii waliif gadi kaachaa kan turan ta’ullee, uummatni dhugaa baldhaan dhugaa kana dursee waan hubateef goyyoomsaan akkasii furmaata ta’uu akka hin dandeenye dubbatan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading