ONM-ABO Guraandhala 14, 2024
Qaala’iinsa jireenyaan walqabatee yeroo itti uummanni Oromoo rakkoo hamtuu keessatti kufanii rakkachaa jiranitti murni bilxiginnaa ammoo naasuu tokko malee uummata irratti saamicha daangaa hin qabne geggeessaa jiru.
Murni uummata Oromoof naasuu hin qabne kun godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Gaalessaa keessatti Guraandhala 10, 2023 dargaggoo maqaan isaa Darajjee Gammachuu jedhamu jiraataa ganda Caancoo kan ta’e, horii bitachuuf gara gabaa Gaalessaa jedhamu yoo deemu qarshii 22,000 harkaa fudhachuun isas mana hidhaa akka galchan jiraattotni himan.
Sirnichi ilmaan Oromoo dinagdee isaanii harkatti laamshessuun boodarra harka kennachisuuf karoora jabaa baafatee kan itti jiru ta’uu jiraattotni gabaasan.

