ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Leenjii tarsiimoo qulqullina barnootaa babaldhisuu jedhuun wiixata darbe Guraandhala 12, 2023 irraa eegalee guutuu impaayerattii keessatti murni bilxiginnaa barsiisota walitti qabee leenjisaa kan jiru yoo ta’u, waamichi Leenjii kanaa barnoota maqaa dha’aatu illee, murnichi gaaddisa barnootaa jalatti akeeka Siyaasa isaatii bifa garaa garaatiin barsiisaa jiraachuu hirmaattotni leenjii kanaa bakkeewwan garaa garaatii dubbataa jiru.
Leenjiin magaalota Oromiyaa hedduu keessatti godhamaa jiru kun magaalaa Naqamtee keessatti bifuma walfakkaatuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, hirmaataan walga’icharraa qooda fudhachaa jiru tokko akka jedhutti leenjiin kennamaa jiru kun dhimma barnootaa osoo hin taane barsiisota dammaqfachuun of faana hiriirsuu fi ABO-WBO hadheessuu irratti kan fuulleffatu ta’uu dubbata.
Barsiisaan Leenjii kanarraa qooda fudhachuun taatewwan bakka kanatti raawwatamaa jiran taajjabuu hime tokko akka jedhutti, Leenjii kana irratti vedio Documentary sobaa waraana bilisummaa Oromoo hadheessu qopheessuun LCD’dhaan Screen irratti dargaggoota WBO fakkeessuun bosonaatti galchanii ittiin uummata saamsisaa turan akka waan isaan harka kennatanii akkasumas booji’amaniitti haasofsiisuun nutti agarsiisaa turan kan jedhe yoo ta’u, barsiisota amansiisanii WBO jibbisiisuutiif kana gochaa jiraachuu fi tooftaa bara wayyaanee keessa uummata ABO jibbisiisuuf raawwatamaa ture waliin bifa walfakkaatuun gaggeeffamaa jiraachuus dubbate.
Bilxiginnaan imaammata qulqullina barnootaa fi dhaloota borii akkasuma ifa borii ijaaruun sammuu barataa qaruu jedhu hafarsaa kan jiru ta’ullee, hardhas namoota bara wayyaanee akeeka sirnichaa kan “sagantaa waliin ga’insa Barnootaa fi fooyya’iinsa qabxii barataa” jechuun sammuu dhalootaa doomsaa turetu ashaboon ija dhiqatee saalfii tokko malee waa’ee qulqullina barnootaa nutti himaa jira kan jedhu barsiisaan walga’icharraa qooda fudhachaa jiru kun, akeekni walga’ii kanaa guddaanis barsiisota of Jalatti hiriirsuun barsiisonni ammoo barattoota akka ijaaraniif gochuudha malee akeeka barnoota akka hin taane ONM’tti himeera.




