ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Godina Arsii bahaa Aanaa Jajuu keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP uummata nagaa qe’ee isaa gubuun baqachiisuu akkuma itti fufanitti jiru.
Guyyaa sadeen darbe jechuun Guraandhala 13/2024 aanaa Jajuu ganda Qaxxee iddoo addaa Shoshaa jedhamutti mana nama obbo Hasan Kadir Aliyyii jedhamuu gubuun qabeenya isaas saamanii deemuu jiraattotni naannichaa himan.
Haaluma wal fakkaatuun godina Arsii bahaa aanaa Martii ganda Moolamee Arjoo iddoo adda Qacca Goolbaa jedhamu keessatti maqaa WBO deggertu jedhuun namoota hedduu hidhuun garii isaanii immoo reebuun qabeenya isaaniis saamanii jiraachuun barameera.
Waraanni faashistii PP kun Guraandhala 9 kaasuun hanga 15’tti aanicha keessatti uummata nagaa saamuu fi reebicha akkaan jajjabaata irratti geggeessaa turan.
Keessattuu iddoo addaa Qaccaa jedhamutti qabeenya namootaa hanga dhadhaa, killee, lukkuu fi uffata hawaasa osoo hin hambisin saamaa jiraachuu himuun, jiraattotni gandichaa rakkoo jireenyaa hamaa keessa seenuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.



