• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn baha Shaggar aanaa Booraa keessatti diina adabe

Feb 17, 2024

ONM-ABO Guraandhala 17, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haala kanaanis guyyaa dheengadda Guraandhala 15 godina baha Shaggar aanaa Booraa magaalaa Botee cinaa naannoo Biitee dhaabaatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Cibraan Caffee Tumaa fi Furgaatuun Kibba Bahaa waliin ta’uun tarkaanfii laalessaa humna diinaa irratti fudhataniin waraana PP 31 du’aan, 27 madoon adabuun injifannoo galmeessee jira.

Tarkaanfii diina raase kanaanis waraana faashistii PP irraa
~Isniyiippeera =1
~kilashii turkii =2
~kilashii dachaatuu=1 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godheera.
Lola jabaa diina harcaase kanaan waraanni PP rifaatuu keessa galuun kan hafte reeffa ishee gattee gara magaalaa Boteetti baqattee galuun ishee barameera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummataa Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading