ONM-ABO Guraandhala 19, 2024
Guraandhala 15, 2024 akka jiraattotni jedhanitti toora sa’a 7:00 irratti godina Baalee bahaa aanaa Gindhiir ganda Harwaa Torba jedhamu keessatti poolisiin idilee sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Iliyaas Abduramaan jedhamu jiraataa godina Baalee bahaa aanaa Gololchaa ganda Burjaaj kan ta’e sababa tokko malee haala suukanneessaan ajjeesuu ibsan.
Dargaggoon kun nama siyaasa paartii kamiyyuu hin hordofne yoo ta’u nama hojii dhuunfaa isaa doqdoqqeen daldalachuun jiraatu ta’uu ibsuun poolisiin idilee sirnichaa kunneenis sababa tokko malee doqdoqqee isaa irraa buusun akka ajjeesanis himu.
Poolisiin idilee sirnichaa ajjeechaa dargaggoo kana irratti raawwates Toofiq kan jedhamu yoo ta’u, poolisiin kunis yeroo dheeraaf itti dhaadachaa akka ture fi booda irras akka ajjeese ibsan.

