ONM-ABO Guraandhala 20, 2024
Gareen saamichaaf bobba’uun namoota nagaa gochaa isaan hin qabneen yakkuun lubbuu qulqulluu baasaa jiru Sanbata dheengadda Guraandhala 18, 2024 godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti jaarsi biyyaa tokko sababa maallaqa in-shuuraansii fayyaa kaffaluu dadhabeef milishaan ajjeefamuun himame.
Akkuma kanaanis milishaan ajjeese kunis maqaan isaa Hakiim Mohaammed kan jedhamu jibba dhuunfaa qabuuf jecha hojii siyaasaa itti maxxansuun dafqaan bulaa kan ta’e ilmaan 4 guddisuun kan Jiraachisu obbo Xahaa Mohaammad kan jedhamu jiraataa ganda Boramaa rasaasaa lamaan rukutuun akka ajjeese dubbatu.
Rakkoo ulfaataan qonnaan bultoota Oromiyaa keessa jiraatan irratti sababaalee quubsaa hin taaneen ta’aa jiru, egeree uummata bal’aa irratti rakkoo uumee jiraachuus dabaluun himu.

