• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Baalee lixaa aanaa Arannaa Bulluq keessatti jiraattota humnaan milaashummaaf qabaa jiraachuun barame

Feb 26, 2024

ONM-ABO Guraandhala 26, 2024

Murni faashistii PP gadaa aangoo isaa dheereffachuuf uummata impaayerattii keessumaa Oromoo maqaa mootummaa keessanii jedhuun goyomsaa fi humnaan qabee leenjii waraanummaa gosa adda addaa kennuufiin uummata isaanii irratti bobbaasu, ammas itti fufee jira.

Xumura torbee darbee keessa godina Baalee lixaa aanaa Arannaa Bulluq gandoota adda addaa irraa qabuun leenjii qopheessaa jiru.

Kana malees guyyaa Jimaataa fi Sanbata darbe halkan Miseensotni milishaa mana irra deemuun erga qabaniin booda gara hin beekamnetti fe’anii jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Aanuma Arannaa Bulluq keessatti caasaan murna bilxiginnaa saamichaa fi doorsisa geggeessaa jiraachuun barameera.

Ganda Soodduu Walmal irraa maqaa Buusaa Gonofaan uummata irraa boqqolloo fi maallaqa guuraa jiru.

Kana malees ijaarsa Mana Murtii Aadaaf qonnaan bulaa irraa xaafii akkasumas uffata milishaaf maallaqa funaanaa jiru.

Maqaa bishaan dhugaatii isiniif galchinaan gandoota akka Shaawwee Haroo Roobee Odaa fi Waraaba Diimtuu irratti saamicha geggeessaa kan jiran yoo ta’u, bulchaan Soodduu Walmal obbo Amiin Rashiid fi hoogganaan waajjira bishaanii aanichaa obbo Umar Aliyyii uummata irraa maallaqa funaannachaa jiraachuu jiraattotni aanaa Arannaa Bulluq Arraata Biyyoolessa Oromiyatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading