• Sat. Mar 14th, 2026

Murni bilxiginnaa baha Oromiyaa fi baha Shaggar keessatti dargaggoota walitti qabuun leenjii waraanummaaf kakasaa jiraachuun dhaga’aame

Feb 26, 2024

ONM-ABO Guraandhala 26, 2024

Gareen hojii badanii balleessuu hojjechuun beekamu bilxiginnaan Oromiyaa keessaa yeroo irraa gara yerootti dargaggoota walitti qabee duula waraanaaf qopheessaa akkuma ture, ammas itti fufuun leenjii maqaa biyya baraaruu jedhuun dargaggoota goyyoomsuuf yaalaa jiraachuun beekame

Guraandhala 25, 2024 baha Oromiyaa aanota akka Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa galma guddaa keessa, magaalaa Burqaa, aanaa Xuulloo, magaalaa Ciroo akkasumas baha Shaggar aanota kanneen akka Adaamaa, keellaa, Kurfaa Callee fi Kiroon galma guddaa bakka Ahimadee jedhamuun beekamutti leenjisaa akka turan maddeen himaniiru

Akka namootni ONM dubbise himanitti, hiriyaan keessan ajaja bulchiinsa keenyaa fudhachuun bakka guddaa jiru jechuun fakkeenyota dhugaa irraa fagoo ta’een barsiisaa akka turanis dabaluun dubbata.

Dhugaan lafa irra jiru garuu murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo mooraa isaanii itichuuf aarsaa lubbuu kaffalanii darbanii fi kanneen lola keessatti mada’aaniif illee beenyaa tokko kaffalaa akka hin jirre qabatamaan lafarratti argamaa kan jiru ta’uun beekamadha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading