ONM-ABO Guraandhala 26, 2024
Duulli duguuggaa sanyii murna bilxiginnaan uummata Oromoo irratti banamee jiru jabaatee itti fufuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of dura qabuun xinnaa hanga guddaatti Oromiyaa bakkeewwan hedduutti ajjeechaan raawwatamaa jira.
Guyyaa kalessaa jechuun Guraandhala 25, 2024 Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Seertumii keessatti hidhattootni sirnichaa kunneen daa’ima ganna 15 kan maqaan isaa Dabalaa Ashinoo jedhamu rasaasaan rukutuun yoo ajjeesan dargaggoo tokkos kan maqaan isaa adda hin baane tokko dugda isaa keessa rasaasaan rukutuun madeessuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattotni gandoota kanneenii jedhanitti dargaggoonni kunneen mana keessaa fuudhamanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon akka ajjeefamanii fi madaa’an ibsuun, sirnichi ilmaan Oromoo lafa irraa balleessuun karoora isaa isa ijoo ta’uus dabaluun addeessaniiru.

